Xurree ittiin seenan

Breaking News

Girikii fi Jarmaniin waaltaa godaantota itti dimatan ijaaruuf karoorfatan


.
.

Ka kaleessa hoogganoota Gamtaa Awurooppaa wajjiin walga’anii turan – Chaansilarittiin Jarmanii Angelaa Merkel fi Muummichi-ministaraa Griik – Alexia Tsipiras godaantota Jarmanii, Swiidinii fi biyyoota Awurooppaa ka biroo keessatti jireenya haaraa argachuuf karaa Girikii fi biyyoota Baalkaan gara Kaabaatti yaa’aniif, waaltaa itti simataman ijaaruuf karoorfachuu isaanii dubbatan.

Aangawoonni Gamtaa Awurooppaas -godaantota heddumminaan ardii Awurooppaatti yaa’an kana to’achuuf, poolisoota dhibba afur ka gara daangaa wurooppaa gama Bahaa SLOVENIA-tti erguuf jiran ta’uu dubbatan.

Chaansilarittiin Jarmanii Angelaa Merkel, biyya isaanii keessatti waa’ee godaantota simachuu irratti qeeqni itti jabaataa deeme iyyuu, amma illee walga’iin Gamtaa Awurooppaa hatattamaan akka waamamu gaafatanii jiran.

“Awurooppaan, ardii jireenya namummaaf gara-laafina qabu ta’uu agarsiisuu qaba” jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG