Paartiin mormituu Angoolaa filannoo geggeessameen paartii biyya bulchaa jiru MPLA irraa pirezidaant Joao Lourenco marsaa lammaffaaf injifachuun paartiin kun mana maree seera tumtootaa keessatti sagalee caalmaatu itti hir’ata jechuun himannaa dhiheesse.
Paartiin mormituu guddaan UNITA jedhamuun beekamu Kibxata kaleessaa akka jedhetti, ba’ii sagalee kennamee irratti mormii dhiyeessee jira.
Dambiin seera filannoo Angoolaa akka jedhutti himannaan UNITA’n barreeffamaan dhiheesse yoo kufe dhaabichi mormii isaa gara Mana Murtii Heera Mootummaatti geessuu danda’a. Manni murtichaa komii dhiyaate irratti sa’aatii 72 keessatti murtii kennuu qaba.
Forum