Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ansu Fati gurbaan ganna 17 dhalootaan Afrikaa Giiniii Bisawu mataa oduu kubbaa miilaa addunyaa tahuutti jira


Ansu Fati, Barcelona
Ansu Fati, Barcelona

Ansummane “Ansu” Fati Vieira gaafa gannii isaa 6 maatiin gula Seville, Ispeenittiin gale.Achitti kubbaa miilaa taphachaa guddate. Amma Barseloonaa dirree gama bitaatiin fuula dura taphata.

Baarsaa nama kana diqqeennaan guddifatte.Kilabii ijoollee keessatti guddatee Fulbaana 6,akka garee biyyooleessaa tapha Ispeen Yukireen 4-0 moote irratti Fatiin goolii tokko galfate. Gaafas gannii isaa 17 bultii 311ti.

Ansun daqiiqaa 32essoo irratti galfate.Raamos goolii lama galfatee Torres ammoo tokko galfate tapha sun irratti.

Bara 1924 asitti namii ganna 17tti dhiyaatu tapha shaampiyoon liigii irratti goolii galfatee Fati qofa. Fatiin boqonnaan duratti jijjiirani dirree seenee metirii 18 caalaa irraa galafte.

Namii isaan duratti ganna kanaan galche Juan Erraquin bara 1925 gaafas namii sun gana 18 fi guyyaa 344.

Ijoolleen Afrikaa hedduutti kilaboota kubbaa miilaa Awurooppaa fi biyya akka akkaa keessaa bilbilliqa.Fatiin bara Lionel Messi Barseloonaa keessaa bahuuf biyyaa fi kilabiin isaa waan taatu dhabde kanatti kilabii tana keessa mumullachuutti jira.

Meesiin haga bara 2021 Barseloonaa dhiisee 'hin deemu'

Lionel Meesii maqaa akka akkaatin yaaman. Eegii innii kilabii ilkaan itti buqqifate,Barseloonaa gaafa ganna isaa 13 itti gale keessa baha jedhee himatee asitti kilabootii kubbaa miilaa addunyaa nama kana gatii hadhachuuf hirba kaachifte.

Meesiin dhalootaan Arjentiinaa diqqeennaan Barseloonaa Ispeenitti gale.Amma nama ganna 33ti.Eegii Barceloonaa keessa baha jedhee himate dubbiin tun yaayyuu turte.

Bulchoota kubbaa miilaa Barseloonaa guddoo itti dallanee guddoo na nyalchiifte taatullee kilabii tanaan wal hadhuu hin fedhuu tanaafuu jaruma taphata jedhee nama hedduu fure.

Meesiin torbaan lamaan duratti kilbii isaa keessaa bahuuf murate. Kilabii fi biyyitii isaalleen nama jabaa badhaasa kubbaa miilaa addunyaa ballon di’or maroro 6 badhaafame kana dhabuu hin feene.

Barseloonaa jabeennuma durii qofaan hin beekan.Laafinnaan qacoon dhawatan. Dorgommii Shaampiyoona Liigii ji’a dabre irratti Baayre Munich Barceloonaa 8-2 mootee waan adii agarsiifte.

Meesiin duruu bulchoota kubba miila isaatiin wal dhaba qaba jedha..Akka seera jedhanitti yoo adoo kontoraatii Barseloonaa waliin qabu hin dhumatin bahe doolara miliyoona 800 baasuuf male.

Sun baasuu fi dhibaachuun ammoo falama hedduu qabdii “kilabii tiyaan wal kasasuu hin fedhu,” jedhee hafe jedhan.

Tana maleellee abbaa isaatii fi jara isa gabayaa itti barbaadutti gorse jedhan. Meesiin ganna 4n duralleetti federeshiinii kubbaa miilaa biyya isaatiin wal dhabe jedhee kilabii keessa bahuuf biyya goose.Gaafasilleen ittuma waakanii hambisan’

Barseloonaan maqaa nugusa kubbaa miilaa jedhaniin kaan deeffachuu feeti. Leenjisaa haaraallee yaayyuu qaxaratte. Warra duriillee tapha keessa baasuutti jirti. Jaal Meesii guddaa, Lusi Suarezii kotoraata hin haaressitu.

Leenjisaan haarahii Barseloonaa, Meesii akka ijoollee hin sossobannu jedhe. Meessii tana dhageennaa haga qraallee caala dallanee kilabii keessaa bahuuf kakatee eegee qabbanaahe.

Meessiin biyya isaa Arjentiinaa fi kilabii Ispaanish Barseloonaa taphata.Maroo 731 Barceloonaa taphattte oolii 634 galche jedhan.

Yoo Barcelonaa bahe ammoo fuulii bara Paris Saitn Germanii fi Manchester City doofata jedhan.

Abbaan Thigo,nugusii Camp Nou(istaadiyoomii Bareseloonaa) amma Barseloonaa waliin leenjiitti deebi’ee haga bara 2021 Baarsaa keessa jiraa quba na qabaadhaa jedhe jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG