Embasileen United States hojii shorokeessotaaf haaraa miti. bara 2011 afganistan keessatti lootee seentonni Taliban embassi gamasii fi humnootii NATO weeraruu dhaan namoota torba galaafatan.
Bara 2008 Yemen keessatti namoonni hidhatanii fi boombiin embassy gamas jiru alatti dho’e du’uu namoota 19f sababaa ta’e. Bara 1998 keessa Kenya fi Tanzainya keessatti haleellaa boombiitu geggeessame. Kanaanis namoota 200 ol ta’antu du’an.
Amma immoo Libyatti ambasaddora YS Christopher Stervens fi diplomaatonta afurtu wayita leellistoonni qonsiilaa US kan Benghazi jiru weeraranitti ajjeefaman.Ambasaddor christopher Hill Iraq, Koriyaa kibbaa, Poland fi Macedonia keessatti ambasaddora Ameerikaa ta’uun tajaajilaniiru.
Bara 1999 keessa mormitoonni angawoota poolsii humna caaluu dhaanembassyn Macedoinia cabsanii ol seenan. Poolsiin naannoo jiru keellaa sana eeguun waanuma baratame. Garaagarummaan Libya keessa ture garuu jamaan walitti qabame meeshaa gurugddaa qabatee ture.
keellaaleen US naannoo addunyaa jiran yeroo ammaa naga eegumsa isaanii cimsanii jiru. Tarii haleellaan yoo dhaqqaba ta’es hordofaa jiran. Balaan kan akka Wixata darbee erga ga’ee booda naga eegumsa cimsuu irra dursanii dammaquun barbaachisaa dha.