Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Waraanni Biyya Isaanii Afgaanistaan Keessaa Ba’uun Ejjennoo Sirrii Dha Jechuun Falman

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, mana maree bakka bu’ootaa duratti Wixata darbe dhiyaachuu dhaan yeroo jalqabaaf Yunaayitid Isteetis Afgaanistaan keessaa waraana ishee baasuuf ejjennoo isheen fudhatte sirrii ta’uu falman.

Waggoota 20 waan ta’uuf waraanni Yunaayitid Isteetis Afgaanistan keessa erga turanii booda torban lama dura balaliin inni xumuraa Kaabuliin gad dhiisee ba’e.

Seera tumtoonni Yunaayitid Isteetis angawoonni bulchiinsa Baayiden bulchiinsi Taliban hatattamaan aangoo qabachuu isaa tilmaamuu dhabuu isaaf Hagaya 31 guyyaa Yunaayitid Isteetis gamasii ba’uu qabutti cichuu isaa gaaffii keessa galchanii jiran.

“Yeroo dheeraaf gamas turuun humnootii naga eegumsa ykn mootummaa Afgaanistaan daran dura dhaabbachuuf ykn ofii isaa akka danda’u gochuu isaaf ragaan tokko iyyuu hin jiru. Yoo waggoonni 20, diggersi doolaara biliyoona dhibba hedduu fi meeshaan waraanaaf akkasumas leenjiin kenname ga’aa yoo hin ta’in, waggaan shan ykn 10 itti dabalaa maaliif barbaachisa?” Jedhan Blinken.

Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Waraanni Biyya Isaanii Afgaanistaan Keessaa Ba’uun Ejjennoo Sirrii Dha Jechuun Falman
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG