Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bliinkan Giddu Galeessa Bahaa fi Afrikaa Kaabaa Daawwatan


Ministira Haajaa Ala Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan,
Ministira Haajaa Ala Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinkan,

Iraan meeshaa Nukleera akka hin arganne gochuuf mallei gaariin, walii galtee Nukleera Iraan isa bara 2015 keessa tolfame jajjabeessuu akka ta’e ministeerrii hajaala alaa Amerikaa Antonii bliinkan hogganoota Israa’eelii fi kan biyyoota naannoo galaanaa irra deebi’anii amansisuuf hojjataa jiru.

Amerikaan weerara Raashaan Yukreen irratti gaggeessaa jirtu irratti ennaa qiyyaafattee jirtuutti Bliinkan maaaliif giddu galeessa bahaa fi Afrikaa kaabaa akka daawwatan ennaa ibsan kutaa addunyaa kan Yunaaytid Isteetes fedhii akkaan barbaachisaa irraa qabdu akkasumas, hiriyyonni keenya kan baayyee nutti hidhata qaban keessatti argamuu waan ta’eef jedhan.

Yunaaytid Isteetes kutaa kana keessatti hojjachuu akkasumas, haariroo jiru jabeessuu itti fuufna. Kunis tasgabii gidduu galeessa bahaa fi Afrikaa keessatti tasgabii buusuuf dhimmi ijoo dha.

Bliinkan Kiibxata kaleessaa Morokoo kan daawwatan yoo ta’u, achittis Abuudaabiif gonfoo mootii dhaaluuf kan jiran Mohammed Bin Zayed Al Nahyan waliin wal aegan.Hayyuun tokko RSA akka ibseetti, weerara Raashaan gaggeessitu Kanaan kutaan Afrikaa Kaabaa addumatti kufaatii dinagdee ishee mudachuuf jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG