Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antooni Biliinken Barliin jiru


Ministeera dhimmaa alaa Yunaayitid isteets Antooni Biliinken
Ministeera dhimmaa alaa Yunaayitid isteets Antooni Biliinken

Ministeerri dhimmaa alaa Yunaayitid isteets Antooni Biliinken waa’ee waraanaa Raashaa daangaa Yuukireen irraatti kuusamee irraatti shariikotaa isaanii waliin maryachuudhaaf magaalaa jarman Barliin galaniiru.

Biliiken kan gara jarmanitti imalan Yukireenitti argamanii waa’ee gargaarsa Washingiten irraatti ergaa prezidaantii Yukireen Vooloodimiir Zeleniskii abdachisaanii booda.

Bulchiinsii Prezidaant Joo Bayiiden gargaarsa ittisa waraanaatiif oolu Doolaara Miiliyoonii 200 Yuukireeniif ramaduu isaa Roobii kaleessaa ibseera.

Raashaan Yuukireeniin Wereeruu dandeesii jedhanii akka yaadan kan ibsan Prezidaant Baayiden ,Raashiyaan yoo Yukireeniin wereerte qoqqobbi diinagdee dabalatee deebii kennamuu danda’uu irratii prezidaantii Raashiyaa Biladimiir Putiin irraa deebi’anii akeekkachisuu isaanii himaniiru.

Raashaan Yuukireen irratti lola taasisuudhaaf fedhee akka hin qabnee ibsitee akka Yukireen Miseensa NATO hin taane wabiin nageenyaa akka barbaaddu himaa jirtii. Waraannii ishees waan lafa biyyaa isaa irra jirutti kaasuun barbaachisaa akka hin taane haanga’oonii Rhaashaa ibsaniiru.

Biliinken jimaataa borii Jeenevaa keessatti ministeeraa dhimmaa alaa Raashiyaa Sergeey Lavaaroov waliin dhimmaa rakkinicha karaa dippilomaasiitin hiikuu irratti marii taasisuuf akka deeman ibsameera.

Biliinken kaleessa magaalaa Yukireen Kiyeev keessatti itti gaafatamtuu waajiiraa VOA Awuroopaa bahaa Miriislaav Gongaadiizee waliin gaafii fi deebii taasisan keessatti , Raashaan Yukreen irratti wereeraa ishee yoo haaromsuu yaalte Yunaayitid Isteets qofa ittuu hin ta’in biyyoottan Awuroopaa fi wareen biroos deebii umnaa keninaa jechuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG