Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arsii Keessatti Ibidda Bosona Barbadeessaa Jiru


Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, Godinaa Arsii, aanaa Lemmuu fi Bilbiloo keessatti, gidduu kana Gaara Kaakkaa irratti ibiddi qabsiifame, haga lafa Hektaara dhibba tokko tahu irraa Bosona gubee fixuu isaa - aangawoonni aanaa sanaa dubbatanii jiran.

Bosonni akka Paarkii Biyyoolessaatti eegamu ennaa gubataa jiru kanatti bineensota qananiin akka Gadamsa Gaaraa (Maamunyeen Niyaalaa), Bosonuu, Kuruphee fi bineensota Addunyaa irratti beekaman hedduu tu keessaa dheessaa jira - jedhu - aangawoonni.

Hojjetaa Mootummaa, duula ibidda dhaamsuu sana qindeessaa jiran, Obbo Lataa Shanee akka jedhanitti uummatni gaara kaakkaatti naanna’ee ka dhorkuu yaalaa jiru tahe iyyuu laft isaa lafa gaaraa waan taheef dhorguudhaaf baay’ee rakkisaa dha.

Uummatni naannoo sana jiraatu ganda gandaan yaa’ee eegaa jira. Manneen-barnootaa guyyoota lamaaf cufamanii, waajiraaleen mootummaa cufamanii, barattoonni, hojjetoonni mootummaa fi poolisiin martinuu itti birmatanii ibiddicha ittisuuf carraaqaa jiru. Garii gidibee itti qotaa jiru. Kaan bosonichatti marsanii maka ciranii ibiddicha irraa kutuu yaalaa jiru, bakkee bishaan jirutti immoo bishaanitti fayyadamaa jiru, jedhu, eksipertiin bulchiinsa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo, Obbo Lataa Sahanee.

Iddoon ibiddi kun itti qabsiifame bantii gaarichaa irra waan taheef bakka uummatni jiraatu irraa gara kiiloo-meetira kudhanii fagaata. Haga ammaa miidhaan lubbuu namaa irra gahe hin jiru, akka hojjetaan Mootummaa kun jedhanitti. Ibiddicha qabsiisan, jedhamuun kanneen shakkaman soolanoonni sadii qabamanii jiran, ka jedhan, Obbo Lataa Shanee umuriin isaanii waggaa kudha-afurii haga kudha-toorbaa tahuu dubbatu. Qorannaan isaa amma illee kan itti fufee jiru tahuu dubbatu.

Ibiddichi muka Saatoo jedhamu kan hiddi isaa lafa keessa bal’atu qabatee lafa jala waan seenuuf guutummaatti dhaamsuun rakkisaa tahuu isaa dubbatu. “Yoo dhaame illee deebi’ee ka’aa mala. Yoom akka guutummaatti dhaamu tilmaamuun nama rakkisa. Daran balaa hamaa dhaqqabsiisuu illee mala” jedhu.

Guutummaa gaaffii fi deebii waa’ee balaa kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG