Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artistiin Oromoo Admaasuu Birhaanuu Du’aan Boqote


Admaasuu Birhaanuu
Admaasuu Birhaanuu

Artistii Afaan Oromoo beekamaa fi jaalatamaa, taphaa fi baacoo akkasumas agarsiisa TV irratti yeroo dheeraa dhaa qabee hojjetaa kan ture maqaa abbaa Lataa jedhuun kan beekamu Admaasuu Birhaanuu kaleessa Finfinneetti du’aan boqote.

Akka maatiin isaa jedhanitti guyyoota xiqqoo dura hojii isaa irra ka ture ta’uu fi achii booda dhukkubsatee yeroo gabaabatti lubbuun darbuu isaatu himame.

Admaasuu Birhaanuu Wallagga dhiyaa gaanda Qumbii jedhamutti kan dhalate yoo ta’u yeroo ijoollummaa isaa Asoosaa Kumruk bakka jedhamutti ka guddatee fi barnootaaf immoo warra isaa wajjin gara Jimmaa deemee barachuu isaa maatiin isaa nuuf himanii jiran.

Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa Finfinneetti ka xumurate Admaasuu Birhaanuu yeroo jalqabaaf mana tiyaatra bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti traampeetii taphachuu dhaan, sagaleen wellisuu dhaan, ragada aadaa Oromoo ragaduu dhaan tajaajilaa ture. Kana malees sirbaa fi walaloolee barreessaa ture. Booda immoo diraamaalee Oromoo adda addaa beekamoo ta’an keessumaa ka jalqaba 1990mootaa keessa baay’ee jaal’atamaa ture qophii dhangaa irratti achii immoo diraamaalee qoosaa akka qaanqee, diraamaa dhiyeenya agarsiisamaa ture ka dheebuu jedhu keessattis qooda guguddaa fudhachuu dhaan daawwattoota biratti nama jaal’atama guddaa qabu ture. Sirni awwaalcha isaa bor Finfinneetti ka raawwatamu ta’uunis beekamee jira.

Admaasuu Birhaanuu abbaa ijoollee durbaa sadii fi dhiira lamaa walumaa gala abbaa ijoollee shanii ture.

Maatii isaa hundaan Waaqayyo jajjabina isiniif haa kennu jenna. Waa’ee artistii kanaa sagantaa keenya gara fuulduraa keessatti bal’inaan ka dhiyeessinu ta’uu isin beeksisna.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:28 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG