Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artistoonni Oromoo Angafoonni Dhibamnaan Birmannaa Qabuu?


Barsiisota Yunivarsitii, Barreessitoota, Artistootaa fi abbaa-qabeenyaa dhuunfaa kan of-keessaa qabu gurmuun fedhiin Finfinneetti hundeessame tokko, artistoota Oromoo angafa dhibee fayyaa fi rakkoolee adda addaa qabaniif karaa gargaarsi argamuu danda’u irratti hojjetaa jira.

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa hog-barruu ka tahe - dura-taa’aa gurmuu kanaa - Obbo Tafarii Nigusuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsetti, gurmuun kun kan galiin isaa gargaarsa artistoota kanaaf oolu konserrtii guddaa tokko qopheessaa jira.

Artistoonni umurii isaanii ganamaa irraa eegalanii aadaa fi muuziqaa Oromoof gahee guddaa gumaachan akka Wasanuu Diidoo, Halloo Daawwee, Jawwee Booraa fi Taaddesee Cuqqee dhibee fayyaa hamaa keessa akka jiran ka beeksise gurmuun kun, Oromoon biyya keessas tahe ala jiraatu artistoota ijoo aadaa sabichaa tahan kanaaf birmatuu qaba, jedha.

Gaaffii fi deebii Obbo Tafarii waliin geggeessame MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG