Xurree ittiin seenan

Breaking News

Asallaa,Bishooftuu,Jimmaa fi Adaamaan dorgommii gugurdoo qopheessuuf itti jiran


Naannoon Oromiyaa baranaa fi bara dhufutti Shaampiyoona Oromiyaa 18eessoo fi Dorgommiii Itoophiyaa Marroo Sadeessoo qopheessuuf itti jirti.

Akka obboo Addunyaa Barii, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatii nutti himetti Shaampiyoonaan Oromiyaa baranaallee Jimmaatti qophaaha.

“Jimmaan bara dabre…moohatee waancaa hedduun waan galatteef” ammallee dorgommii tana qopheessuuf milkoofte.

Dorgommii Shaampiyoona Oromiyaa irralleetti bisaan daakuu,kaaraatee,kubbaa miilaa dabalee hedduutti jira,kun ammoo gara Ammajjii fi Muddee keessaa taati.

Oromiyaan tana malee Bitootessa bara dhufuulleetti tapha Guutuu Itoophiyaa qopheessuuf itti jirti.

Akka obbo Addunyaatti,”Dorgommiin gugurdoon Adaamaatti, Atileetiksii Asallaatti,bisaan daakuu fi Teenisii Dirree ammoo Bishofotuutti taha.”

Gama dhibiin ammoo Ayivoori Koosti biyya ijoolleen isii hedduun dorgommii kubbaa miilaa Awurooppaatiiif bitatanii guddoo beekaman.Hayyee, naannoon Oromiyaa ammoo yoo hedduu Atileetiksiin addunyaatti beekkamti,Itoophiyaanuu akkanuma,akkuma atileetiksiin beekaman kubbaa miilaallee guddisuuf silaa maanti tahuu male?

Akka Obboo Addunyaatti naannoo Oromiyaallee tahee Itoophiyaa kubbaa miilaallee akkuma Atileetikisii guddisuuf qophiitti jira.Ijoollee jalaa oli guddisuun faaydaa guddoo qaba

Mee waan dorgommii Oromiyaan qopheessituu fi kubba miilaallee akkuma atileetiksii guddisuuf maan tahuu malee irratti marii teenna MP3 irraa caqasaa yaada keessanillee nuu barreessaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG