Xurree ittiin seenan

Breaking News

AstraZeneca, dhaabii qorsa COVID-19 hojjachuutti jiru waa shakkee waan hojjate nama irratti ilaaluu ammaaf dhaabe


Chemists work at AstraZeneca's headquarters, after Prime Minister Scott Morrison announced Australians will be among the first in the world to receive a coronavirus disease (COVID-19) vaccine, if it proves successful, through an agreement between the gove
Chemists work at AstraZeneca's headquarters, after Prime Minister Scott Morrison announced Australians will be among the first in the world to receive a coronavirus disease (COVID-19) vaccine, if it proves successful, through an agreement between the gove

AstraZeneca,dhaabilee kotoraata fudhatanii qorsa COVID-19 hojjachuutti jiran keessaa tokko.

AstraZeneca faarmaasii addunyaa gugurdoo Britain -Sweden waliin qaban. Waajjirii guddaan isaanii Kambiriji, Ingilaandi.Damee qorannoo ammoo Amerikaa, Maryland fi Kanaadaa, Torontoo qaba. Qorsa vaayiresii koronaa Yuniversitii Oksford waliin hojjachuutti jiran.

Dhaabii kun qorsa Amerikaa keessaa nama kuma 190 olii fi addunyaa ammoo nama kuma 900 caalu fixe kanaaf qorsa barbaaduuf hojjaatti jira.

Qorsa kana yoo hojjatan nama irratti ilaan. Yoo hedduu nama duraanuu dhiba guddaa qabu koronaalleen irraan qabate fi nama guddaa irratti ilaalan jedhan.

Sadarkaa sadarkaan hojjachaa deeman. Sadarkaa sadeessootti nama kuma 30 irratti ilaalan. Nama U.K. fedhuma isaatiin irratti ilaalan tokko lafeen qoosee dhibamte. Qorsa kana tahuu fi dhibaachuu laalumatti jiran.

Taatullee AstraZenecan ammaaf qorsa kana nama irratti yaaluu dhaabe. Hujii qorsa hojjachuu kana dhaabbilee faarmaasii hedduutti irratti wal dorgome.

Dhaabii AstraZeneca kun hujii tana kontoraata doolara biliyoona 1 caaltuun Caamsaa fudhatee hujiitti jira.Biyya hedduutti qorsa kana bitachuuf qabatee eegachutti jira. Tana keessa tokko Awustiraaliyaa.

Qorsii hojjachuutti jiran kun AZD1222.Amma Amerikaatti sadarkaa sadeessoo irra jiran. Sadarkaan sadeessoo kana nama irrati ilaalan. Nama ganna 18 jalqabee nama sanyii akka akkaa irratti ilaalan jedhan.

Akka dhaabii kun jedhetti yoo qorsii haaraan hojjatan fayyaa nama dhowwe jidduutit dhaabanii ilaaluun woma jiraati.

Biyya dhiba kana fedhin abbaatiin irrati laalan keessaa United States, Britain, Brazil, Afrikaa Kibbaa fi Indii. AZD1222, qorsa yaalii koronaa sadeen Amerikaan yaalii sadarkaa sadeessootiin nama irratti laaluutti jiran keessaa tokko.

Biyya hedduutti qorsa dhiba kana hojjachaa addoo addunyaatti gadi hin baamnee ammoo waan innii nama tolchu ilaaluutti jira.Dhaabbileen dhibiin ammoo haga wannii shakkan dhuftutti hujumatti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG