Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Ibraahim Jeylaan fiigicha meetira 10,000 Kooriyaa Kibbaa moohate


Atileetotii Keenyaa ta durbaa ammoo maratoonii fi meetira 10,000 ufumatti guurratan

Atileetotii Keenyaa ta durbaa ammoo maratoonii fi meetira 10,000 ufumatti guurratan

Magaalaan Kooriyaan Kibbaa,Deagun dhiyoo tana waan takka argitee hin beenne argitei.Wadorgommii IAAF,Waldorgommii Federeshiinii Waldaa Atileetiksii Addunyaa marroo 13eessoo kopheessite.

Qophii tanaa atileetota hedduutti addunyaa walti dhufe.Waldorgommiin tun fiigichaa dabalee waan hedduun walti jiran.haga guyyaa sagaliillee akkanuma.

Ibraahim Jeylaan gurbaa ganna 22 ti,duraanuu waan hedduun beekamullee barana seenaa hojjate,atileetii Britan beekamaa Mo Faaraa ka dorgommii meetira 10,000 namii irraa hin fudhatu jedhan kaan sekodnii jahaan moohatee badhaasa argate.

Faaraalleen moohamee jennaan humna qabu cufaa itti fixadhee bara tokkoo hin moohanii bara tokkoo ammoo hin moohaman jedhee harka kennate.

Gama kaaniin ammoo atileetotii Keenyaa ta dubraa fiigicha maraatoonii fi ka meetirii 10,000 ufumatti qabaadhatanii moohatan.

Mee MP3 tana irraa qophii teenna caqasa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG