Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetota fi Gaazexeessitotaa waliin nama kuma Hedduutti Olompikii Londonitti Yaahuutti Jira


Londoniin bara 2005,gaafa dorgommii Olompikii baranaa qopheessuuf badhaafamte taan gammachuun xinnixxe taan,qophii tana gurra dansaan jalaa galtiin woma waliin eegnu.

Jireennii addunyaa barana guddoo qaalahe biyyaa fi nama hedduu yaaddesse.Biritan dorgommii London tana doolara biliyoona hedduu itti baafte.

Atileetota kuma 10 caalan,gaazexeessitota waan deemuutti jiraa namatti himan kuma 20 tahan,biyya 200 olii fi nama kuma kurnya hedduutti dorgommii Londoniif karaa jira.

Ispoortii gosa 26 tana keessa;fiigicha dheeraa fi gabaabaa dabalee namii waan hedduun waldorgomuuf qophii jira.Dorgommiin London tanatti Itoophiyaallee atileetiksiin dorgomuuf qophiitti jirti.

Waan cufa caala akkii istaadiyoomi Olompikii itti jaaran waan ajaahibaati, qorii fakkaataa,akka hodhaa gundoo marsanii waliin gahanii,yoo qophiin dhumatte irra bubuqqisaa gugurachuullee dandahan jedha warrii ilaan arge.

Mee waan Dr.Ilfinaa Uddeessaa Bariisoo Londonii waan qophii dorgommii London tana nutti hime MP3 tana irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG