Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atonii Bliinkan Awustraaliyaa seenanii Jiru 


Atonii Bliinkan Awustraaliyaa seenanii Jiru 

Mnisteera haajaa alaa Amerikaa kan ta’an Antonii Bliinkan Robii har’a magaala Awustraaliyaa kan taate Meelbarn keessa kan jiran yoo ta’u kunis daawwannaa guyyaa sadiif ta’u ibsanii jiru.

Kunis kutaa Eshiyaa paasifiik fi Indoo Eshiyaa jedhaman irratti qiyyaafata bulchiinsa prezidaant Baaydiin qabu irratti fulleeffata jedhanii jiru.

Bliinkan gita isaanii kan Awustraaliyaa kan Hindii fi Jaapaan waliin wal ga’uuf jiru.Blinken oduu gabaastoota isaan waliin imalaniif akka ibsanti, mariin gaggeeffamu hojii uummata kutaa sanaa fi addunyaaf bu’a qabeessa ta’e irratti fulleeffata.

Amerikaa Awustraaliyaa fi Briteen michooma nageenyaa tolfachuu isaanii baatii Fulbaana dabre eega labsamee as, Bliinkan gara Awustraaliyaatti iamluun kun ka duraati.

Marii Meelbarn keessatti Briteen Awustraaliyaa Jaapaan fi Amerikaan gaggeessuuf jiran kun, rakkoo Chaaynaan uumte irrattis mari’achuuf jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG