Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awustiraaliyaa Keessatti Sababaa COVID-19n Uggurri Sochii Itti Dabalaa Labsame


Faayilii - Magaala Greetar Brisibaan yeroo uggura vaayrasii koronaa, Bitootessa 30, 2021
Faayilii - Magaala Greetar Brisibaan yeroo uggura vaayrasii koronaa, Bitootessa 30, 2021

Angawoonni Awstraaliyaa kutaa New South Wales magaalaa uummata miliyoona shan qabdu kan babal’ataa adeeme gosa COVID-19 haaraa kan delta variant jedhamu ittisuuf jecha uggura sochii torban tokkoo labsanii jiran. Uggurri sochii booddanaa Waxabajjii 26 labsame erga konkolaachisaan hojjettoota xayyaara sadarkaa addunyaa deddeebisaa ture vaayiresii kanaan qabamee booda. Ergasii qabee namoonni 300 vaayiresichaan qabamaniiru.

Vaayiresiin kun haaa jiru jijjiire jechuu dhaan hoogganaan kutaa New South Wales Gladys Berejikliyaan tuta oduuf Sydney keessatti ibsa kennaniiru. Haala uggurri sochii ammaa amma labsamee deebisee banamu keessa seenuu hin barbaannu jedhan.

Waaltaan qorannoo Joons Hopkins akka ibsetti Awstiraaliyaan uggura sochii cimaa kaa’uu ishee irraan kan ka’e, faca’ina COVID-19 ittisuu gama ilaaleen akkaan itti milkooftee jirti.

Haa ta’u malee talaalliin kennamuun boodatti harkifachuu isaaf ulaagaa talaallII AstraZeneca ilaalchisee yaadi wal dha’an waan jiruuf weerara haaraaf akka saaxilaman taasisee jira. Uggurri sochii Sidinii hanga Adoolessa 16tti itti fufa.

Kooriyaan kibbaas weerara COVID-19f haaraa kan saaxilamte yoo ta’u, roobii kaleessaa namoot 1.212 haaraa vaayiresii kanaan qabamuun gabaasame. Muummichi ministeeraa Kim Boo-Kyum akka jedhanitti angawoonni wal irraa hiiqiinsa hawaasummaa See’ool yeroo ammaa jiru torban tokkoof itti fufu.

Mooskoon uggura imalaa kanneen talaallii fudhataniif kan laaffistu ta’uu beeksiste. Kibxata darbe garuu biyyttii keessaa guyyaa tokko qofaa namoota 700tu sababaa COVID-19n du’an. Raayshiyaa keessaa vaayiresii koronaan namoonni 140,000 du’uu waaltaan qorannaa vaayiresichaa kan Joons Hoopkins gabaaseera. Taajjabdoonni garuu lakkoobsi namoota du’anii kana akka caalu himan.

Bara 2019 keessa erga weerarri COVID-19 jalqabee qabee uummanni miliyoonni 184.6 vaayiresichaan yoo qabamu kanneen miliyoona 3.9 ta’an du’uu waaltaan qorannoo vaayiresii koronaa Joons Hoopkins beeksisee jira. Hanga ammaatti talaalliin COVID-19 biliyoonni 3.2 ol kennamuun beekameera.

XS
SM
MD
LG