Ayyaana Iid Alfaxir magaalaa Finfinneetti barana kabajame jeeqan, jedhamuun namoota shakkaman qabuuf barbaadaa ka jiru tahuu Poolisiin beeksise.
Guyyaa Iidii sana aara gaazii imimmaansisu dhukaasutti ka shakkame miseensi poolisii tokko, har'a mana Murtii Jalqabaa Federaalaa, Dhaddacha 1ffaa Ramaddii Araadaatti kan dhiyaate yoo tahu, manni murtichaa poolisiif guyyaa qorannoo dabalataa 13 eyyamee jira.