Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Cuphaa Har’a Kabajamee Jira 


Ayyaanni Cuphaa Har’a Kabajamee Jira 

Ayyanni Cuphaa magaala durii fi seena qabeettii jedhamtu Gondar keessatti namoonnii hedduun ammaan dura hin baratamnee bakka argamanti kabajamee jira.Waammicha mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmad biraa dhiyaate fudhatanii biyyoota alaa irraa kan dhufan lammiwwan Itiyoophiyaa fi hidda dhalata biyyatti qaban keessaa kanneen kurna hedduu ta’an ayyaana kana irratti argamuu, kan ibsan qopheessitonni kunis haala addaa uumee jrdhu.

Lammiwwan biyya alaa sababaa vaayrasii Koronaa fi odeeffannoo dogoggoraa ta’een lakkoobsi isaanii gad bu’y kan ibsan bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Keffaala hojii turizimii biyya keessaa jajjabeesuun barbaachisaa ta’u ibsan.

Kantibaan Finfinnee Adaanech Abeebee, Itiyoophiyaatti Ambaasaadaronni Israa’eel fi Ertraa akkasumas keessummonni kanneen biroon ayyaana kana irratti argamuu isaanii Asteer Misgaanaaw gabaastee jirti.

Gama kaaniin ayyaanni kun Finfinnee keessattis kabajamuun gabaafamee jira.Paatriyaariin waldaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaas gama bakka bu’aa isaaniin dhaamsa dabarsaniin, hundumtuu nagaa buusuuf yaalii ta’u deggeruun tokkummaa Itiyoophiyaaf akkasumas, nageenya uummataaf hojjachuu qaba jedhan,

Ayyaanni kun magaala Dirree Dawaa keessatti haala ho’aa ta’een kabajamun kan gabaafamee yoo ta’u, sirna kana irratti ijoollee fi maanguddoota gargaaruun kanneen deebotaniif bishaan kennuun akkasumas gama nageenya eeguun musleemonni qooda fudhachuun gabaafamee jira.

Viidiyoo: Qophii ayyaana Cuuphaa Diree Dawaatti geggeeffame Addis Chakkolin.

Qophii Ayyaana Cuuphaa, Diree Dawaati
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:46 0:00

Ayyaanni kun bulchiinsa naannoo Haarariittis nagaan kabajamuu mootummaan naannoo sana beeksisuu isaa Addis Chekkool gabaasee jira.

Magaalaa Maqalee keessatti garu ayyaanni kun moorawwan bataskaana keessatti malee akka durii waltajjiitti ba’uun hin kabajamiin hafeera.Kunis yaaddoo haleellaa samii irraa gaggeffamuuf jecha ta’uun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG