Paartiin Deemookraasii dhugaaf Baaldeeras jedhamu ba’ii filannoo biyyooleessaa isa marsaa 6ffaa kan hin fudhanne ta’u beeksisee jira.Mgaala Finfinnee keessatti kan dorgomee Baaldaraas ibsa har’a baaseen, Filannoon sun amanamaa fi kan haqaa ta’u isaa kan hir’isan gochii hedduun gaggeeffamuu qorannaan mirkaneessen jira jedhe.
Komee isaa kana bordii filannoof dhiyeessuu iyyu deebii dhabuu isaan, Finfinnee keesssa kan jiran naannoo filannoo 23 keessaa 21tti filannoon kun irra deebi’uun akka gaggeeffamuuf, manamurtiitti himannaa banuu isaa ibse Baaldaraas.
Iyyata Baaldaraas dhiyeeffatee kan ilaaleen itti gaafatamtoota hojii kan bordii filannoo argachuuf RSA Yaaliin taasisee kan hin milkoofne ta’u baatuus guyyaa ba’iin filannoo ifa ta’e sana walitti qabduun bordii filannoo aaddee Birtukaan Miidhaqsaa haasawaa dhageesisanii, bordiivhi filannoo amanamaa gaggeesseera jechuun isaanii ni yaadatam jechuun Keenedii Abaatee Finfinnee irra gabaasee jira