Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gadamoojjii Waraanaa fi Nama Siyaasa Amerikaa Baab Dool Du’an Boqotan


Baab Dool Kutaa Kaansaas bakka bu’uun seeneeta Yunaaytid Isteetes waggoota 27f hojjataa turan (Suuraa faayilii)
Baab Dool Kutaa Kaansaas bakka bu’uun seeneeta Yunaaytid Isteetes waggoota 27f hojjataa turan (Suuraa faayilii)

Bara loola addunyaa isa lamaffaa duulanii akka hamaatti eega miidhamanii booda hin du’uu jedhamanii kan turan Baab Dool, lubbuun hafanii waggoota dheeraaf siyaasa Amerikaa keessatti hirmaataa eega turanii booda umrii isaanii 98tti Dilbata kaleessaa du’an boqootan.

Dool Kutaa Kaansaas bakka bu’uun seeneeta Yunaaytid Isteetes waggoota 27f hojjataa kan turan yoo ta’, kan sagalee yayyabaa qabu paartii Ripaablikaanootaaf hogganaas turan.

Paartii isaanii irraa itti aanaa prezidaantummaaf bara 1976 kan dhiyaatan yoo ta’u, waggoota 20 booda jechuun bara 1996 immoo paartii isaanii irraa prezidaantii ta’uuf Deemookraaticha Bill Kliinton waliin dorgomanii, Kliintoon injifatanii marsaa lammataaf waajiira qabatan.

Duutii Baab Dool kan labsamee jaarmayaa haatii warraa isaanii bu’uursan kan miseensoota waraanaa duulanii deebi’an deggeruu fi kabajaa kennuu “Elizaabeet Dool faawundeeshiin” jedhamuun ture.

Akkuma rafanii turanti lubbuun dabruu kan ibsamee yoo ta’u, Baab Dool waggaa tokko dura kaansarii Sombaa bubbuleen qabamuu isaanii fi wal’ansa fayyaa jalqabanii akka turan ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG