Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baachleet Angoo Gadhiisuuf Akka Jiran Beeksiisan


FAAYILII - Tokkummaa Mootummootaa keessatti komiishiinara olaanaa kan komiishiina mirga namoomaa kan ta’an Misheel Baachaleet, Sadaasa 3, 2021
FAAYILII - Tokkummaa Mootummootaa keessatti komiishiinara olaanaa kan komiishiina mirga namoomaa kan ta’an Misheel Baachaleet, Sadaasa 3, 2021

Tokkummaa Mootummootaa keessatti komiishiinara olaanaa kan komiishiina mirga namoomaa kan ta’an Misheel Baachaleet, dhuma baatii Hagayya dhufuu marsaaan barri aangoo isaanii ennaa xumuramuu, aangoo komishinarummaa kan gadhiisan ta’u beeksiisan.

Marsaa kan biraaf hojjachu hin barbaadu kan jedhan Baachaleet, odeeffannoo kanas sirna baniinsa kora 50ffaa kaawunsilii mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa irratti dubbatan. Maaliif kun akka ta’e garu gad fageenyaan hin ibsiine.

Walgahii sana booda tuuta oduuf Jeneevaa keessatti ibsa kennaniin sababaa dhunfaa isaaniif hojii akka gadhiisan ibsan.Murtoon koo kun dhiyeenya kana chaayinaa dhaquu koo hordofee qeeqa dhiyaatu waliin hidhata hin qabu jedhan.

Gara Chaayinaatti imaluu isaanii baatii lama dursee marsaa lammataaf hojjachu akka hin feene barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarreesitti himeera jedhan.

Ituun hojjachuu itti fufee Gutarrees kan jaallatu ta’u natti himeera.Garu sababaa dhunfaa kotiif gadhisuu akkan fedhu itti himeera.Anii dubartii umriin alfii keessa jiru miti.yeroo dheeraaf akkasumas hojii bu’a qabeessa hojjataa eegan ture booda, gara biyya kootii fi maatii kootitti deebi’uun barbaada.

Waggoota dheeraaf akka ministeeraatti, akka prezidaantitti, akka komiishiinara olaantuutti eegan hojjadhee booda, akkan yaadutti gara biyya kotti deebi’uuf yeroo isaa natti fakkaata jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG