Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baahir Daar Keessatti Hiriirrii Gaggeeffamee Jira  


Hiriira Dabra Birahaan keessatti gaggeeffamee, Adoolessa 28, 2021  
Hiriira Dabra Birahaan keessatti gaggeeffamee, Adoolessa 28, 2021  

Waamiicha mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa dhiyeesse fudhachuun duulaaf qophii ta’u isaanii jiraattonni magaalaa Baahir Daar ibsanii jiru,Humnootiin alaa kan mootummaan Itiyoophiyaa shoroorkeessaa dha jedhee waamuu Adda Bilisummaa Uummata TigraaY (TPLF) deggeruu haa dhaabuu jechuun haasawaa kan dhageesiisan itti aanaa kantibaa magaala Baahir Daar Dr. Diras Saahiluu turan.

Magaala Baahir Daar keessatti har’a uummanni kuma kurna hedduutti lakka’amuu hiriiruun duula jiraachuu isaaniif murteessaa ta’e kanaaf deggersa kennuu isaanii fi hiriirrii wal fakkaataa dhuma torban dabree irra magaalaa Dabra Maarqoos fi Gondat keessatti gaggeeffamuu Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Gama kaaniinDubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata TigraaY (TPLF) Obbo Geetaachoo Raddaa Twitarii ofii irratti injifannoo goonfataa jirra jechuun barreessanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG