Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baahreen Keessattis Mormiin Itti Fufeera


Tunisiyaa fi masrii keessatti mormii gaggeefame deggeruun hiriira Baahreen keessatti gaaggeefame diiguuf polisonni Gaaza himiimaansuu fi rasaasa laastiika irraa hojjatameen gargaaraman.

Polisonni tarkaanfii hamaa fudhatan iyyuu hiriirtonni kuma hedduun guutummaa biyyatti i keessatti yaa’anii “guyyaa aarii ofiii ba’uu ” jechuun moggaasan irratti hirmaatan.

Gaaffiileen ijoon dhihessan heerri haaraan akka ba’u/ hidhamtonni siyaasaa akka hiikaman/ musleemoota shi’aa irratti logiin gaggeefamu akka dhaabatu akkasumas lammiww -aan biyya biroo/ lammii Baahreen gochuun ha dhaabatu kan jedhu ture.

Waaltaa waa’ee mirga dhala namaa kan Bahree -niif itti aanaa prezidaantii kan ta’an Naabeel Rajab haala guyyaa guutuu gaggeefamaa oolee nagaa ture, hiriirtonni dhagaas ta’e kan biroo hin darbanne jedhanii, garu poolisonni tarkaanfii kaleessa galgalaa kaasee fudhataniin gara Hospitaalaatti kan geessaman jiru jedhu.Kanneen biroon hedduun hospiitaala geessamuu hin dandeenye, sababiin isaas takkaa mana yaalaa seennaan mootummaan qabee isaan hidha.

Wixata kaleessaa waaree booda naannoo shi’atonni jiraatan keessaatti dhukaasi dhaga’amaa oole.Uummata Bahreen 100 keessaa harkii 70ni shi’atoota ta’uun beekamaa dha.Garuu mootumaa biraa bu’a argachu qabnu dhorkamne jedhu.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG