Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baaldaraas Fiannoo Gaaggeessuun Akka Ittifamuu Iyyatee Jira


Paartiin Baaldaraas kan mana hidhaa jiranii fi filannoo dhufuutti kan isaan kaadhimee jiru dorgoomtoota isaa sadii akka galma’aniif manni murtii waliigalaa Fedeeraalaa gararraatti dhaddachii ol iyyannaa dhaggeefatu ajaja kenne bordiin Filannoo kabajee hojii irra hin oolchu taanaan filannoon akka hin gaggeeffamneef akka ittifamuuf mana murtiitti iyyata dhiyeessee jira.

Bordiin filannoo gama isaan kaadhiimamtoota paartii Baaldaraas kanneen hidhaa keessa jiran galmeessuu kan ilaaleen ajaja manni murtii waliigalaa kenne guutuummaatti akka fudhatu ibsee garu, murtii kana hojii irra olchuuf kan isa rakkisuu ibse.Kanas walitti qabduun boordii filannoo Aaddee Birtukaan Miidhaksaa dhiyaatanii ibsuuf akka danda’aniif eehamama gaafatanii jiru.

Paartiin Baaldaraas kan iyyata isaa itti dhiyeeffatee manni murtii walii galaa gama isaan Bordiin filannoo ajaja kennamee maaliif hojii irra oolchuu akka hin dandeenye Kamiisa borii dhiyaachuun akka ibsuu ajaja kenneeu isaa Tsiyoon Girmaa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG