Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Addunyaa Itiyoophiyaaf Liqaa Maallaqaa Doolaara Biliyoona 1.72 Kennee Jira


FAAYILII - Gamoo waajira Baankii Addunyaa magaala guddoo Yunaaytid Isteets, Waashingitan Diisii keessatti argamu, Onk. 1, 2020.
FAAYILII - Gamoo waajira Baankii Addunyaa magaala guddoo Yunaaytid Isteets, Waashingitan Diisii keessatti argamu, Onk. 1, 2020.

Baankiin Addunyaa fi Itiyoophiyaan dhiyeessii humna ibsaa fi bishaanii guddisuuf, akkasumas sochii nyaataa gara gabaatti geessuuf haala mijeessuuf kan oluu, waliigaltee liqii waliigala Doolaara Biiliyoona 1.72 mallatteessuu isaanii Ministeerri Maallaqaa Jimaata har’a ibsee jira.

Baankiin Addunyaa neetworkii humna ibsaa Ityoophiyaa keessaa babal’isuu akkasumas maddisiisuu anniisaa haaromfamuu danda’u guddisuuf Doolaara miiliyoona 500 fi Miliyoona 23 kan ramadu ta’uu ibsi ministeerri maallaqaa baase ni mul’isa. Doolaarri miiliyoonni 500 dabalataan argamees, pirojektoota lama kanneen caasaa daandilee baadiyyaa foyyeessuu dabalatee qaqqabummaa gabaa nyaataa guddisuu irra akka ooluu, ibsichi hubachisee jira.

Haanqina sharafa maallaqaa biyya alaas kan mudatee Ityoophiyaan, dhibeen weerara KOOVID-19n, lola waggaa lamaaf naannoo Tigraay keessatti geggeeffamaa turee caama, lolaa bishaanii fi weerara awwaannisaa kutaalee biyyattii keessatti mudatee jira.

Maallaqni Baankii Addunyaa inni hafee dhiyeessii bishaanii fooyyessuu fi magaalota keessatti sagantaalee dargaggoota carraa hojii hin qabne qacaran deeggaruuf kan ramadamu ta’a. Akkaataa idileetti liqiin Baankii Addunyaa dhala gadi aanaa hanga zeeroo ykn hin jiru jechuu dandeesisuu kan qabu yoo ta’u, yeroon kaffaltii isaa waggaa 30 hanga 40 ta’a.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:40 0:00
More
XS
SM
MD
LG