Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Adduunyaa Afrikaaf Qarqaarsa Ramade


Dhaabanii gamtaa afrikaa fi Baankiin adduunyaa talalii dhibee Covid 19 lamilee Afrikaa miiliyoonii 400 fayyadu bituudhaa fi rabsuu irratii wali galtee walin hojannaa umuu isaanii ibsaniiru.

Akka hogantoota baankii adduunyaa keesaa tokko kan ta’an Axel van Trotsenburg jedhaniti, baankiin adduunyaa gargaarsaa doolara biiliyoonii 2 fi talaalii joonsen end joonsen isa al tokko qofa fudhatamu doozii miiliyoonii 400 Afrikaa dhaaf kennama.

Gargaarsii kun tatamsa’iina covid 19 isaa dambalii sadaffaa ittisuudhaaf kan ooludhaa. Yeroo amma lamileen Afrikaa harka dhibba keessa harkii tokkooo gadi qoftii akka talalii argatan kan ibsan haangawaan baankii adduunyaa Trotsenburg axel Van, Afrikaan gara moggaatii dhiibamuu ishee dubatanii waan sirii hintaane kun sirra’uu akka qabu himaniiru.

"Kun dhibee aduunyaa hundaati. Falaa fi frumaata adduuyaa hundaatu barbaachisa," jedhan.

Gargaarsichi karoora Afrikaan qabdu isaa 2022 ti lammiilee Afrikaa harka dhibba keessaa haraka 60 talaaludhaa fi qophaa’ee hojii iraa oolchuudhaaf gargaara.

Baankin adduunyaa amma dhuma ji’a waxabajii kanaatii biyyootan 50 keesatii sochii talaalii farra Covid 19 bituu fi raabsuu gargaaraa. Kana keessaa harka sadii irraa harki lama kan Afrikaati.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG