Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baar Gamatti Guddifachaan Iijoollee Kennu Hanqisuuf Qajeelfamni Ba’eera


Itiyoophiyaan ijoollee guddifachaan gara biyya alaatti erguu waliin wal qabatee shiira hojjatamu ittisuuf, hojii kana harka 90n hanqisuu ishee beeksiiftee jirti. Ministriin waa’ee dubartootaa ijoollee fi dargaggotaa kan Itiyoophiyaa akka jedhutti Bitooteessa 10 bara 2011 jalqabee yoo baayyatee guyyaatti ijoollee shan qofa dhimma isaanii ilaala.

Yeroo ammaa garuu, guyyaatti ijoollee 50f dhimma kana rawwachisaa jiru. Kanneen keessaa walakaan gara Yunaaytiid steetes geessamu. Ministrii kanaaf dubbi himaa kan ta’an Abiy Efreem akka jedhantti deemsa ijoollee guddifachaan kennuu keessatti shiira haala babal’ateen gaggeefamuutu jira jechuun himannaan waan dhiyaateef tarkaanfiin akkasii fudhatame.

Qorannaan gaggeefame akka agarsisuutti warri ijoollee isaanii dabarsanii akka kennan gochuuf humnaan gargaaramun akka jiru ragaaleen agarsisan hangi tokko jiru.Sana booda ijoollee kana guddifachaan kennuuf galmelee sobaa kan biyyoota alaa irraa maallaqa guddaa argamsisan qophessu.

Abbaan warraa fi haatii warraa lammi Amerikaa ta’an mucaa Itiyoophiyaa tokko guddifachaan fudhachuuf doolaara kuma 20 baasu.Embaasii Amerikaa Finfinnee jiruuf itti gaafatamtuu kutaa qonsilaa kan ta’an Abigail Rupp akka jedhantti haala hamaa uumame kan mootummaan yaaddoo irraa qabu nutis ni hubanna.Garuu, ijoolleen guddifachaan kennamuuf jiran dhimmi isaanii xumura argachuuf yeroo dheeraa akka eegan taasifamunis nu yaddessee jira jedhan.Ms Rupp akka jedhantti aangawonni mootummaa Itiyoophiyaa jaarmayoota hojii guddifachaa gaggeessan kanneen 45 ta’an cufuuf jiru.

Waajiira UNICEF Finfinnee jiruuf hogganaa kan ta’an Ted Chiban hojii seeraan alaa hojjatamu faana dhahuuf seerri haaraan ba’e kun tarkaanfii barbaachisaa dha.Kana malees ijoollee warra hin qabne jechuun kan mootummaan tilmaamuu miliyoona 5f naannoo naannoo isaaniiti furmaata barbaaduuf gargaara jedhan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG