Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baaraak Obaamaan Maal Jedhan? 


FAAYILII - Prezidaantii Yunaaytid Isteetes duraanii Baaraak Obaamaan Amajjii 8 , 2022
FAAYILII - Prezidaantii Yunaaytid Isteetes duraanii Baaraak Obaamaan Amajjii 8 , 2022

Addunyaa irratti hogganoonni aangoo dhuunfatan odeeffannoo dogoggooraa gargaaramuun Deemookraasii hundee garagalchuu fedhu jechuun prezidaantiin Yunaaytid Isteetes duraanii Baaraak Obaamaan akeekkachisanii jiru.

Yunivarsiitii Staanfard keessa kan jiru Instiitutii Freemaan Spogli jedhamu kan waa’ee qorannaa addunyaa keessatti barattootaa fi Faakaltiif ennaa dubbatan, prezidaantii Amerikaa duraanii Donaald Traamp irratti qiyyaafatan.

Prezidaantiin Angoo irra jiru ba’iin filannoo gaggeeffame kan ifa galaa ta’e dhorkamee, mana mree Yunaaytid Istees keessatti hokkara kakaasuuf gargaarsa taasifamuu argaa jirra.

Sana qofa mitii, paartii isaa keessaa harka caalaan kanneen waajiira olaanaa biyyattiin qabdu qabatanii jiran seera qabeessuummaa filannoo darbee Sanaa irraa rakkoo akka qaban ibsuu itti fufanii jiru.Kana moo sababaa godhachuun, seera sagalee kennuu ugguran gargaaramuu fedhu jedhan.

Obaamaan akka jedhanti, midiiyaa hawaasaa akka madda oduu fi odeeffannoo isa jalqabaa gochuun itti fayyadamuuf, dura odeeffannoo sirrii hin taanee fi soba ta’e akkasumas jallisnii dhiyeessuu fi shirrii Intarneettii irratti gaggeeffamuu dhaabachuu qaba.

Akka lammiwwan Amerikaatti, madda oduu adda baafannee xiinxaluun ijoolleen akkamitti waan sirrii ta’e yaaduu akka danda’an barsiisuun feedhii ofii irraa ka’uun kan odeeffamuu fi kan dhugaan odeeffamu akka adda baafatan gochuu qabna jedhan Obaamaan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG