Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haatii Warraa Pireezdaantii Ameerikaa Duraanii Joorji H.W. Buush, Baarbaaraa Buush Du'aan Boqatan


Baarbaraa buush
Baarbaraa buush

Haati warraa pirezdaantii Yunaaytid Isteets duraanii Joorji H. W. Buush, Baarbaraa Buush umurii isaanii oggaa 92-tti du’aan addunyaa kana irraa boqatan.

Abbaa warraa isaanii qofa odoo in ta'in ilmi isaanii Joorji Buushiis pirezdaantii Yunaaytis Isteets ta'anii tajaajiluun Baarbaraa seenaa biyyatti keessatti dubarti seenaa qabeessa isaan taasiseera.

Baarbaaraa Buush abbaa warraa isaanii pireezdaant Joorji H. W. Buush fi ilmaa isaanii pireezdaant Joorji Buush wajjin, Ebla 8, 2007
Baarbaaraa Buush abbaa warraa isaanii pireezdaant Joorji H. W. Buush fi ilmaa isaanii pireezdaant Joorji Buush wajjin, Ebla 8, 2007

Baarbaraan, bara abban warraa isaanii pireezidaantummaadhaa kaadhimaman bara 1988, “anarraa waanuma argitan argattan. Ani pireezdaantummaaf in dorgomu,” jedhani turan. San boodaas taanaan waan itti amanan dubbachuurra nama duubatti in jenne nama dhugaaf dhabbatu ta’uu isaaniitu himamaaf.

Rifeessa isaanii addeeffatanii uffata ulfaataa uuffachuudhan an beekkaman Baarbaraan bara jireenya isaanitti "akkawoo lammiiwwan Ameerikaa hundaa' maqaa jedhuus horataniiru.

Dubbii himaan maatii isaanii akka jedhanitti Baarbaraan Hoospitaalaatti yaallamaa turanii Sambata Guddaa darbee garuu qoricha fudhachuu dhaabuuf murteessan.Kibxata harraa bakka maatii fi hiriyoonni isaanii jalaala qabaniif ibsaafii, isaan jajjabeessaa turanitti nagahaan boqachuu malee dhibeen isaanii maal akka ture in ibsamne.

Buush fi Baarbaraan erga bultii dhabbatanii oggoota 72. Kunis seenaa pireezdaantoota Ameerikaa keessatti gaa’ila bara dheeraa lakkoofsise ta’ee galmaahera.Sirni awwalchaa Baarbaraa Buush hoom akka ta’ee ammaaf in beekkamne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG