Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baaydan Yakka Hokkara Saalaa Walitti Bu’iinsaan walqabatee Dhufu Ittisuuf Galmee wal Hubannaa Mallateesuuf Jiru


FAAYILII- Pirezidaanti Yunaaytis Istees Joo Baayiden, Onk. 10, 2022.
FAAYILII- Pirezidaanti Yunaaytis Istees Joo Baayiden, Onk. 10, 2022.

Pirezidaanti Yunaaytis Istees Joo Baayiden, yakka yeroo baay’ee bira darbamee fi baay’ee hin gabaafamne, kan waa’ee hokkara saalaa walitti bu’iinsaan walqabatee dhufu ittisuuf akkasumas itti gaafatamuummaan akka jiraatu gochuuf tattaaffii mootummaan Yunaaytid Istees cimsuuf jecha, galmee wal hubannaa mallatteesuuf jiru.

Tokkoon tokkoon humnaan gudeeddii walitti bu’iinsa waliin walqabatee gabaafameef, Dhaabbanni Tokkummaa Mootummoota dhimmoonni 10 hanga 20 ta'an ituu hin galmaa’iin akka hafan tilmaama.

Yunaaytid Isteetis galmee wal hubannaa kana akka gatii walittibu’iinsa hidhannoo hin fudhattu. Tarkaanfiiwwan jiran hundaan —meeshaalee seeraa, imaammataa, dippilomaasii fi maallaqaa dabalatee-namoota miidhamanii lubbuun hafan deeggaruuf akkasumas gara fuula duraatti ittisuuf waadaa qabdi jedha.

Prezidaant Baayiden Yaada wal hubannoo kana kan baasan, konfiraansii ministeerota addunyaa Yunaayitid Kingidam keessatti walitti bu’iinsa keessatti jeequmsa saalaa ittisuuf dubbatu sababeeffachuun, akkasumas Yukireen fi Itoophiyaa dabalatee addunyaa guutuutti kanneen gocha gudeeddii kana raawwatan adabbii malee itti fufee jirutti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG