Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Gita Isaanii Raashaa Waliin Dubbachuuf Tole Jedhan Iyyu Haal Duree Ka’anii Jiru


Prezidaantii Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin fi Prezidaantii Raashaa Vilaadmiir Puutin (Suuraa wal-bira kaahame)
Prezidaantii Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin fi Prezidaantii Raashaa Vilaadmiir Puutin (Suuraa wal-bira kaahame)

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin gita isaanii kan Raashaa waliin walgahii akka gaggeessaniif yaada dhiyaate akka qajeelfamaatti kan simatan yoo ta’u, kunis Raashaan tarkaanfii waraanaa fudhattu yoo itti hin fuuftu ta’e qofa akka ta’e masaraan Waayit Haawuus Dilbata kaleessaa galgala beeksisee jira.

Itti gaafatamtuun preesii Waayiit Hawuus Jeen Saakii biraa ibsii ba’e akka jedhutti, ministeerrii haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan fi giti isaanii kan Raashaa Sargee Laavroov, dursanii Awuroopaa keessatti torban kana dubbatu.

Ibsii wiixata har’a ganama waajiira prezidaantii Faransaayii Immanuuel Maakroon biraa ba’e akka jedhutti, Nageenyaa fi tasgabii tarsiimoo qabeessa ta’e Awuroopaa keessatti argamsisuu ilaalchisee Maakroon hogganoota biyyoota lameenii waliin walgahuuf yaada dhiyeessan.

Prezidaantiin Yukreen Vilaadmiir Zelenskii gita isaanii kan Faransaayii Maakroon waliin haala biyya isaanii gama bahaa keessa jiru irratti dubbachuu isaanii ibsanii,iddoon sanattis dhiyeenya kanaa kaasee adda baatoota Raashaa fi himnootii Yukreen giddutti, haleellaan gaggeeffamaa jira jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG