Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaant Baaydin Walgahii Naannoof Meeksikoo Jiran


Prezidaantii Yunaaytid Isteetis Joo Baayidin, Meeksikoo, Amajjii 9, 2023
Prezidaantii Yunaaytid Isteetis Joo Baayidin, Meeksikoo, Amajjii 9, 2023

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayidin Dilbata kaleessaa galgala magaalaa Teeksaas kan taate El Paasoo daawwachuun godaantota waraqaa eenyummaa hin qabne kumaatamaan lakkaa’aman kanneen, daangaa Meksikoo waliin jiru qaxxaamuran ijaan erga arganii booda Meksikoo seenanii jiru.

Meeksiskoo keessatti walgahii naannoo kan Ministira Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo dabalatee magaalaa Meksikootti gaggeeffamu dura, Pirezidaantiin Meeksikoo Andrés Manuel Lopez Obrador Wiixata hara mariidhaaf pirezidaantii Amerikaa. Jo Baaydini keessummeessaa jiru.

Godaansi, jijjiiramni qilleensaa, daldalaa fi Oomisha kanneen jedhan mata dureewwan gurguddoo ajandaa irra jiran keessaa ti.

Itti gaafatamtuun pireesii Waayit Haawus Kaariin Jiin Piyeer akka jedhanti, Baaydin erga pirezidaantii ta’anii booda imalli gara Meksikootti gaggeessan kun kan jalqabaa ta’e kanaa, mul’ata waloo kan Ameerikaa Kaabaaf qaban ni guddisu jedheen eega jedhan.

Jiin-Piyeer akka jedhanitti Baayiden daldala meeshaa waraanaa, qoricha sammuu namaa hadoochuu akkasumas, seeraan ala namoota deddebisuu ittisuuf, akkasumas jijjirama qilleensa naannoo fi godaansa sirna hin qabne kan kutaa Sanatti gaggeeffamu wal tumsa babal’isuun furuuf Baaydiin waan labsan qabu jedhan.

Walgahii Kibxata borii gaggeeffamu dura Baaydin, Tiruudoo fi Loopeez Obraadoor haadha warraa isaanii waliin irbaata irratti hirmaatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG