Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baaydoo'aa Qabachuun Balaa Jabaa Illee Qabaachuu Mala


Loltoonni Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa torban kana keessaa ka maadhee AL-SHABAAB jabduu turte magaalaa Baaydo'aa keessaa humnoota leellistootaa AL-SHABAAB baasuudhaan, magaalattii dhuunfatanii jiran.

Kanneen waraana Mootummaa Cehumsaa Somaaliyaa gargaaranii loluuf bobba’an humnoonni Itiyoophiyaa, magaalaa Baaydo'aa qabachuuf ennaa tarkaanfatan dura-dhaabbannaan karaa irratti isaan mudate baay’ee xiqqoo dha

Injifannoon Baaydo'aaA irratti argame magaalaa afaan Galaanaa harka AL-SHABAAB jirtuu fi ulaa inni qawwee fi maallaqa ittiin galfatu taate KISMAAYYOO qabachuufis karaa saaqa jedhama.

“Magaalaa Baaydo'aa qabachuun injifannoo guddaa dha.” ka jedhan xiinxalaan siyaasaa Gaanfa Afrikaa RASHIID ABDII garuu, hojiin dhumate jechuu akka hin ta’iin hubachiisu.

Amma harka Mootummaa Cehumsaa jala galuun ishee injifannoo guddaa dha, garuu rakkoon guddaan akkamitti bulchiinsa seera-qabeessaa amanamaa, kan uumata biratti fudhatamaa tahe Baaydo'aa keessatti uumuun danda’ama? ka jedhu. Akka ani yaadutti kun injifannoo humna waraanaatiin argame caalaa, dhimma barbaachisaa natti fakkaata jedhu RASHIID ABDII.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG