Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Adda Addummaa Prezidaantii Raashiya Waliin Jiru Beeksisuuf Qophee Dha


Faayilii - Joo Baayiden fi Vilaadmir Putin, Moosikoo, Bitootessa 10, 2011
Faayilii - Joo Baayiden fi Vilaadmir Putin, Moosikoo, Bitootessa 10, 2011

Prezidaant Joo Baayiden torban kana Prezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Putin waliin mariin geggeessan, hariiroo Washington fi Mooskoo fooyyessuu irratti kan fuuleffatuu fi dhimmootii kan akka namoota Raashiyaa keessaa haleellaa marsariitii irratti bobba’aniii dabalaee dhimmootii hedduu irratti kan mari’atan ta’uu Michelle Quinn gabaastee jirti.

Prezidaant Baayiden Adda Addummaa Prezidaantii Raashiya Waliin Jiru Beeksisuuf Qophee Dha
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00

Prezidaant Joo Baayiden ennaa torban kana Jenevaa keessatti prezidaantii Raashiyaa Vlaadmir Putin waliin wal arganitti qoodi isaanii inni guddaan, dhimmootii hedduu kan akka hoogganaan garee mormituu Raashiyaa Alexy Navalnii hidhamu, gareeleen farra malaammaltummaa akka garee finxaaleyyiitti lakaa’amuu dhaan mana murtii mgaalaa Moskoon himatamuu kan fakkaatan irratti fuuleffata.

Hoogganoonni lamaan hariiroon Rashiyaa fi Yunaayitid Isteetis sdarkaa gad aanaa irra akka jiru dubbatan. Yeroon gumiin kun itti geggeessame Baayiden biyyoonni kun hariiroo tasgabbaa’aa qabaachuu danda’u yoo ta’e akka xiinxalaniif carraa kennaaf. Ministriin dantaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Blinken, akeekkachiisa kennanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG