Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden fi Itti Aantuun Isaanii Harris Dhukaasa Joorjaa Keessaa Lubbuu Galaafate Ilaalchisee Mari’achuuf Gamasitti Imalan 


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi itti aantuu prezidaantii Kamaalaa Harris, har;a gara kutaa Joorjaatti imalaa kan jiran yoo ta’u, weerara COVID-19 akkasumas kibxata darbe bakka qaama itti sukkuummatan kan Atlaantaatti dhukaasa raawwatame ilaalchisee ibsa kennuuf jiru.

Hoogganoonni Yunaayitid Isteetis kun hoogganoota lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Asia waliin wal arganii yakka jibiinsaa lammiiwwan dhalata Asia irratti fuuleffate illee mari’achuuf jiran.

Angawoonni Joorjaa garuu dhukaasa sana yakka jibbiiinsaa ti ittiin hin jedhin jiru. Sababiin isaas shakkamtoonni akka jedhett dhimmi isaa fedha quunnamtii saalaan kan wal qabate waan ta’eef. Prezidaantii fi itti aantuu prezidaantiin angawoota waaltaa to’annaa fi dhukkubaootaa waliin ennaa Joorjaa daawwatanitti wal arganii haala US weerara COVID-19 ittti qabdee jirtu mari’achuuf jiru. Koroorri isaanii jalqabaa duula “Deggersi Dhufeera” jedhu kan doolaara dandammachiisa dhimma COVID kan doolaara tirliyoonaan laka’amuu beeksisuuf ture.

Hiriirri sunis sababaa dhukaasa lubbuu namoota saddeet, ja’a hidda dhalata Asia galaaate irraan kan ka’e yeroo biraatti darbee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG