Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Gamoon Jigee Lubbuu Galaafate Kutaa Filooridaa Daawwatan


Prezidaant Baayiden Gamoon Jigee Lubbuu Galaafate Kutaa Filooridaa Daawwatan
Prezidaant Baayiden Gamoon Jigee Lubbuu Galaafate Kutaa Filooridaa Daawwatan

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi haati warraa isaanii giifti dureen Jill Baayiden bakka gamoon jireenyaa hangi tokko jige Sufside, Florida kamisa har’aa daawwataa jiran. Gareen baraarsaas halkan edaa barbaacha dhaabee jira.

Prezidaantii fi haati warraa isaanii har’a xayyaara prezidaantummaa Air Force One koru dhaan White House irraa har’a ka’anii buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Mayaamii qubatanii jiran. Kantiibaan konyaa Mayaamii-Dade Daniella Levine Cava tuuta oduuf ibsa kennaniin barbaachii fi tattaaffiin baraarsaa maaliif akka dhaabate ibsanii jiran.

Ganama barii sababaan hojii dhaabuuf dirqamneef gamoon dhaabatee hafe haalli isaa yaaddessaa waan ta’eefi jedhan. Hojjettoonni baraarsaa kanneen dursanii birmatan nageeny isaanii akka eegamu waan dandeenye mara ni goona jedhanii, akkuma haalli isaa amansiisaa ta’een hojii itti fufna jedhan Levine Cavan.

Hoogganaan dhimmi ittisaa konyaa Miami-Dade Alan Cominsky tattaaffii balaa qabu kan halkanii fi guyyaa namoota tarii caccabaa sana jala lubbuun jiru barbaachuu tuqanii, barbaachisummaa taattaaffiin baraarsaa sun dhaabateef ibsaniiru.

Angawoonni naannoo roobii kaleessaa akka ibsanitti lakkoobsi namoota balaa sanaan du’anii ijoollee lama dabalatee 18 guutee jira. Levine Cava lakkoobsa boodanaa ergaa tweeter maxxansaniin, kanneen du’an dabalatee lakkoobsi namoota achi buuteen dhabamee 145 ga’era jedhan.

Dubbi imtuun White House Jen Psaki aklka jedhanitti prezidaantii fi giifti dureen maatiiwwan namoonni balaa suukaneessaan duraa du’anii daawwatuuf jiru, akkasumas garee baraarsaaf dursee birmate illee galateeffataniiru. Bakka gamoon sun jige dhaqanii daawwachuu ilaalchisee hanga yoonaa hin mutaa’in jira, garuu daawwannaan isaanii angawoota naannoo gamasii waliin akka qindaa’u prezidaantiin ibsuu isaanii beeksisanii jiru.

Biilsi gamoo 12 qabu walakkaa isaa Waxabajjii 24 jiguun isaa ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG