Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Baayiden Hookkaara Qawwee Ilaalchisee Tarkaanfii Fudhatamu Labsan 


Prezidaant Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden, itti aantuu isaanii Kamaalaa Haris, fi abbaan alangaa muummichi Meerik Garlaand
Prezidaant Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden, itti aantuu isaanii Kamaalaa Haris, fi abbaan alangaa muummichi Meerik Garlaand

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden fi abbaan alangaa muummichi Meerik Garlaand rakkoo hookkara qawwee kan Ameerikaa keessaa ilaalchisee mari’achuuf kamisa har’aa wal arguuf jiru.

Yaada kennuu isaanii dura illee White House sochii haleellaan qawwee “ weerara fayyuummaa uummataa ti” jedhu beeksisee jira.

Tarkaanfiin tokko kan qajeelfama ministrii haqaan ba’e, kan to’achuuf rakkisaa ta’e deddeebii qawwee lakkoobsa eeyamaa ofi irraa hin qabaanne fi yakki ennaa ittiin hojjetamu humnootii seera eegsisaniif adda baasuuf rakkisaa ta’e dhaabsisuu ka jehu.

Ministriin haqaa itti dabaluu dhaan miseensota maatii fi qamooootii seera eegsisan, ofii isaanii ykn kanneen biroof balaa dha namni jedhame shakkamu qawwee akka hin qabannee fi yeroof bakka isaan jiran irraa akka fagaatu mana murtiif iyyata akka dhiyeessan seera eeyamu baasee jira.

Baayiden itti dabaluu dhaan gorsaa garee to’annaa qawwee duraanii David Chipmaan hoogganaa waajjira to’annaa dhugaatii alkoolii, tamboo, meeshaa waraanaa fi dhukaatotaa gochuun muuduuf karoorsanii jiru.

Chipman waggoota 25f gorsaa dhaabichaa ta’anii kan hojjetan yoo ta’u haleellaa waaltaa daldalaa New York fi biilsa federaalaa magaalaa Oklahoomaa irratti bara 1990moota keessa raawwate qorachuu keessatti hirmaataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG