Prezidaant Baayiden har’a karoora daandii baaburaaf qaban ibsuuf jecha magaalaa buufata doonii Angoolaa Loobitoo yeroo gahaniitti sirbaa fi shubbisaan simatamaniiru. Imala isaanii guyyaa dhumaa gara Afrikaatti taasiisan kanaan, daandii baaburaa albuudaaf murteessaa ta’e Koongoo irraa gara dhiyaatti dabarsuu danda’u dheeressuuf karoora qaban ibsuuf argaman.
Ameerikaan hojii kana deeggaruuf liqii doolaara miiliyoona 500 fi miliyoona 50 kan kennite yoo ta’u, kunis daandii baaburaa Angoolaa keessa darbee jiru haaromsuu fi qaama marsaa jalqabaatiin gara wirtuu albuudaa Koongootti babal’isuu kan dabalatudha. Hanga ammaatti guyyaan itti xumuramu hin kennamne.
Marsaan lammaffaan pirojektichaa koridoorii Loobitoo hanga Taanzaaniyaatti walitti hidhuu fi babal’isuu yaada. Yunaaytid Isteetis qorannoo danda’amuu maallaqaan kan deeggarte yoo ta’u qeeqxonni garuu daandii dorgomaa gara bahaati Chaayinaa geessu ni dhiheessiti jechuun kunis pirojekticha guutuu ni miidha jedhu.
Angoolaan yeroo dheeraaf Chaayinaa fi Raashiyaa waliin hariiroo cimaa guddiftee kan turte yoo ta’u, dhiheenya kana garuu biyyoota dhihaatti dhihaattee jirti. Angoolaan Ameerikaa waliin nageenyaa fi waraanaa irratti tumsa qabdu babal’isuu akka barbaaddu preezdaantiin ishee daawwannaa Baayiden Kibxata darbe taasisan irratti ibsaniiru.
Forum