Manni Murtii olaanaa Yuunaayitid Isteetisi Wiixata kaleessaa himannaa Doonaald Tiraampi bu’aa filannoo bara 2020 garagalchuuf yaalii taasisaniiru jedhamuun irratti dhiyyaate ture , pireezidaantichi yeroo aangoorra jiraniitti gochaa taasisaniiniif mirga himatamuu dhabuu qabu jechuun bilisa bsaauu hordofee Pireezidaantiin amma aangoora jiran Joo Baayideen murticha mormuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessattis Pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisi dabalatee eenyullee Seeraa ol miti jedhanii , Daangaa aangoo pireezidaantummaa akka eegan dhaaddatanii , pireezidaantiin gara fuuladuraa garuu ta’uu dhiisuu mala jechuun akeekkachiisaniiru. Pireezidaantiin kamiyyuu Doonaald Tiraamp dabalatee amma sericha irra darbuuf bilisa ta’aniirus jedhan Baayideen Ibsa Waayit Haawus Irraa kennaniin.
Murtiin Wiixata kana kenname kun waggoota dhiyoo as qajeeltoowwan seeraa yeroo dheeraaf biyya keenya bal’aa keessatti hundeeffaman irratti haleellaa raawwatame kan jedhan Pireezidaantichi murtiiwwan mirga ulfa baasuu dhorkan fi seera mirga filannoo siivilootaa irratti murtoowwan kennamanis yaadachiisuun Olaantummaa seeraa biyya kana keessa jiru kan gadi buusus jedhaniiru.
Manni murtichaa Doonaald Tiraampi yeroo aangoorra jiranitti hojii raawwataniif mirga himatamuu dhabuu qabu jedhee , himannaa isa kamiin akka himatanirratti garuu mana sadarkaa gadiif mirga isaa kenneera. Doonaald Tiraamp fuula miidiyaa hawwasaa Tiruuz irratti ergaa barreeffamaan maxxansaniin Seeraa fi Dimookiraasii keenyaaf moo’icha guddaadha. Ameerikaa ta’uutti booneera jedhaniruu.
Manni murtii olaanaa Yuunaayitid Isteetisi pireezidaantiin duraanii tokko yeroo aangoorra turetti waantoota raawwateef mirga himatamuu dhabuu qaba jechuun kan murteesse kun isa jelqabaati.
Forum