Prezidaant Joo Baayiden Kibxata kaleessaa miseensota dhaabbata mirga lammiilee Laatino kan kutaa falmii jabaa qabduu Navaadaa keessatti argamu waliin wal arguun carraa irra deebiin filatamuuf furtuu ta’e, filattota abdii kutatan biratti deeggarsa cimsuuf yaalaa jiru. Baayiden konfiraansii waggaa kan jaarmayaa misoomaa fi Industirii kan Tokkummaa Mootummootaa isa Laas Veegas keessatti gaggeeffamu irratti haasawaa dhageesisuuf kan jiran yoo ta’u kunis Hagayya 19 irraa jalqabee namnii lammii Yunaaytid ta’e waliin gaa’iila dhaabe kan eehama seeraan ehama jireenyaa hin argatiin jiran iyyata akka galfatan labsuuf deemuu.
Kunis ehama jireenyaa (Green card) argachuun gara lammummaa argachuutti kan isaan geessu ta’aa jedha waayit Haawus.Sagantaan haaraan kun jalqaba baatii darbe Baayideniin kan ifa kan ta’e yoo ta’u godaantota walakkaa miliyoonaa ol ta’an carraa uumuu danda’a. Akkasumas Baayiden haasaa kanaan hoji dhabdummaan jarreen Laatino sadarkaa gadi aanaa galmeessisuuf itti dhihaachuu isaa, hawaasa isaanii keessaatti namoonni baay’een inshuraansii fayyaa argachuu danda’uu isaanii fi bara 2020 irraa eegalee mootummaan federaalaa lakkoofsa liqii Bulchiinsa Daldala Xixiqqaa abbootii qabeenyaa daldalaa Laatinoof kennu dachaa lama dabaluu isaa ibsuu jedhamee eegama.
Daawwannaan roogeeyyii Laatinoo waliinii kun kan raawwatame yeroo Rippabilikaanonni walgahii biyyoolessaa paartii isaanii Miliwaakii keessatti gaggeessaa jiranii fi Baayiden waxabajjii 27 kaadhimamaa Rippabilikaan Doonaald Tiraamp waliin falmii taasisan booda komee tarreeffamaa ture tasgabbeessuuf yeroo rakkachaa jiranitti.
Forum