Xurree ittiin seenan

Breaking News

Badhaasi Fiilmii Akkaadaamii 97ffaan Kaleessa Loos Aanjelesitti Kenname 


Badhaasa Fiilmii Kan Akkaadaamii 97ffaan irrtti badhaasawwan dhihaatan, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 2, 2025.
Badhaasa Fiilmii Kan Akkaadaamii 97ffaan irrtti badhaasawwan dhihaatan, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 2, 2025.

Badhaasa Akaadaamii, Oskaar marsaa 97ffaa kennameen Adriyaan Braadii Filmii isaa "Bruutaliist" jedhamuun yeroo lammaffaaf kan badhaafame yoo ta’u,Filmii Anooraaa" jedhamu keessatti kan hojjatte Miikiii Maadson taatoo dubartii ijoo filatamtee ta’uudhaan Dilbata kaleessaa badhaasa gonfamtee jirti.

Taatota badhaasa argatan keessaa, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 2, 2025.
Taatota badhaasa argatan keessaa, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 2, 2025.

Badhaafamtoonni Oskaar kanneen biroon, barreessaa barruu filmii "Anooraa" Kiireen Kalkin akkasumas gulaalaa filmichaa kan ta’e Shaan Beeker keessatti argamu. Filmii dheeraa kan aniimeeshiniin hojjatame "The wild Robot" jedhamu gaariidha jedhamuun badhaafameera , Filmii Aniimeeshinii gabaabaan immoo "In Ze Shaadoo of ze siypresæ kan jedhamu badhaafameera.

Artiistota badhaasa argatan keessaa, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 2, 2025.
Artiistota badhaasa argatan keessaa, Loos Aanjeles, Kaalifoorniyaa, Bitootessa 2, 2025.

Filmii "Emiilaa Preez" jedhamu keessatti kan hojjattee Zoo’ii Saldanaa gargaartuu taatoo dubartii filatamtuu ta’uudhaan badhaafamtee jirti.

Sirbii "El Maal" jedhamu kan filmii Emiilaa Preez keessatti itti gargaaramanii sirba filatamaa ta’uun filatame.

Forum

XS
SM
MD
LG