Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bahirdaaritti Ammas Irra-deebiin Sochii Namootaa fi Konkolaataarra Uggurri Yeroo Kaa’ame


FAAYILII - Magaala Baahir Daar irraa kiiloomeetirii 30 fagaattu, Meraawii,
FAAYILII - Magaala Baahir Daar irraa kiiloomeetirii 30 fagaattu, Meraawii,

Naannoo Amahaaraatti turtii ji’oota 10 f labsiin yeroo muddamaa labsamee ture ji’a Caamsaa darbetti erga xumurameen boodas Bulchiinsi magaalaa Baahiirdaar gama isaan Dilbata darbe Adooleessa 19 irraa kaasee dhokiiwwan sochii garaa garaa ka’uu isaa ifoomseera. Manni maree nageenyaa bulchiinsa magaalichaa maree taasisuun murtoo dabarseera kan jedheen sochii namootaa fi konkolaataa irraatti dhorkii yeroo kaa’uu isaa ifoomseera. Akka dhorkii sochii amma bulchiinsa magaalaichaa labseetttis halkan sa’aatii sadiin booda namnis ta’e konkolaataan kamiyyuu magaalittii keessa socho’uun dhorkaadha. Akkasumas konkolaatoonni goommaa Sadii kan baajaj jedhamuun waamaman galgala sa’aatii 12 irraa hanga ganama sa’aatii 12 tti sochiin isaanii dhorkamuu fi konkolaataan gommaa lamaa ykn motor baayiskiliin magaaliitti keessa akka hin sochooneef dhorkamaniiru.

Karaa biraatiinimmoo caasaa nageenyaa fi kanneen nageenya eegsiisuuf eeyyamni kan kennameefiin alatti namni kamiyyuu meeshaa waraanaa hidhatee socho’uun dhorkaa ta’uu isaa manni maree nageenyaa kun ifoomseera. Namni dhorkii kanarratti yaada isaanii gaafataman tokko sodaa nageenyaa qabaniif maqaan isaanii akka hin dhahamne nu gaafatan rakkoo nageenyaa amma magaaliitti keessatti mul’ataa jiruuf dhorkiin kun kaa’amuun gaariidha jedhan. Dhaaba Abin bakka bu’uun mana maree bakka bu’oota UUmmtaaf kan filatamaniiran obbo Abeebawu Dessaalenyimmoo gama isaaniin irra deddeebbiin dhorkii ka’uun rakkoo nageenyaa jiru hin furu jedhaniiru jechuun Bahaardaar Irraa Asteer Misgaanawuutu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG