Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka Albuuda Baasan Holqa  Afriikaa Kibbaa Keessaa Namoonni Lubbuun Hafaniif Reeffi Namaa Baafame


FAAYILII- Miseensonni poolisii Afriikaa Kibbaa bakka Istiilfoonteen jedhamuuf Namoonni albuudaa seeraan alaa baasan keessatti danqaman baraaruuf yaaliin ta'u eegaa jiru
FAAYILII- Miseensonni poolisii Afriikaa Kibbaa bakka Istiilfoonteen jedhamuuf Namoonni albuudaa seeraan alaa baasan keessatti danqaman baraaruuf yaaliin ta'u eegaa jiru

Gareen baraarsaa gara bakka albuuda warqee gadi fagoo Afrikaa Kibbaa keessaa namoota seeraan alaa albuuda baasan kanneen dhibbaan lakkaa’aman fi ji’ootaaf holqa faayidaa kennaa hin jirre keessatti danqaman keessaa namoota lubbuun hafan baasuuf meeshaa godoo fakkaatu erganii jiran. Namoonni 100 ol beela ykn bishaan qaama keessaa hir’achuu dhaan du’aniiru jedhamee amanama.

APoolisiin akka jedhetti yoo xiqqaate reeffi namoota 60 yoo argamu kanneen 92 ta’an lubbuun hafanii erga Wixata darbee qabee bakka Warqeen qotamee baafamu Bufelsi-foonteen jedhau keessaa baafamaniiru.

Albuudni kun erga aangawoonni baatii Sadaasaa keessa kanneen albuuda baasan yeroo hanga tokkoof nyaataa fi bishaan irraa kutuun dirqiin akka bahan hojii jalqabanii as poolisoota, kanneen albuuda baasuu irratti bobba’anii fi miseensota hawaasa naannoo gidduutti waldhabdeen uumameera.

Poolisiin namoonni meeqa holqa sana keessatti akka hafan hin mirkaneessine garuu dhibbootaan kan laka’aman ta’uu malu. Tattaaffii hawaasaatiin Jimaata darbe reeffi namoota sagalee baafamuu isaa gareen namoota albuuda baasan kana bakka bu’u beeksisee jira.

Ministeerri kaabinee akka jedhanitti, yakkamtoota waan ta’aniif mootummaan gargaarsa hin ergu ka jedhuun yeroo sana nyaataa fi bishaan waan irraa adda citeef dirqisiisamanii akka ba’an gochuuf jecha.

Garuu tooftaa sun gareewwan siivikii fi hawaasaan haalaan qeeqamaa kan ture yoo ta’u, mootummaan Afrikaa Kibbaa Albuuda Warqee Bufelsi-foonteen kan albuuda baastonni 100 ol beelaan lafa jalatti du’an jedhamee amanamu ilaalcisee akkaataa inni itti haala kana itti ilaale irratti qorannoon irratti geggeessamaa jiraachuu gareen kun beeksisee jira.

Albuuda baasuun seeraan alaa kutaa Afriikaa Kibbaa warqee dhaan badhaatee fi bakka kampanileen kana booda bu’aa hin argannu jechuun cufan, gareeleen seeraan ala albuuda baasan kuusaan yoo jiraate jechuun akka barbaadaniif daandii saaqe.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG