Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka Buutonni Hawaasa Maraqoo Ol Iyyannoof Gara Hawaasaatti Imalan


FAAYILII - Sumuda square, Hawasa, Ethiopia, Tuesday, November 19, 2019
FAAYILII - Sumuda square, Hawasa, Ethiopia, Tuesday, November 19, 2019

Naannoo uummattoota kibbaa zoonii Guraagee keessa kan jiran hawaasi Maaraqoo aanaa addaa taanee akka ijaaramnuu fi seeraan ala aanaa BeteGuraagee Mesqaan jala galle kan jedhan gandeen sagal gara aanaa Maaraqootti akka haammataman gaaffiin dhiyeeffanne nuu hin deebine jechuu dhaan kanneen gamasii buqqa’an Hawaasaa dhaquu dhaan bulchiinsa naannootti komee isaanii dhiyeeffatan.

Gama biraatiin hawaasaalee kana gidduutti wal dhibdeen uumamee ture nagaan xumuramuu isaa itti gaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii naannoo aadde Senayit Solomon VOAf ibsanii, gaaffilee ijaarsaa fi daangaa deebisuuf naannichi yaalii gochaa jira jedhan.

Waajjira bulchaa naannoo sanaa obbo Ristuu Yirdaaw har’a dhaquu dhaan sagalee isaanii dhageessisuu kanneen dhufan keessaa tokko barsiisaa Meshiibaa Abitoo akka jedhanitti, hawaasi Maraqoo mirga heerri kenneef duraa mulqameera jedhan.

Walitti bu’iinsa tureen miidhaan kan irra ga’e jiraattonni naannoo illee mootummaan naannoo gaaffii uummataa sirriitti dhaga’ee deebii waan hin kennineef jecha keessumaa walitti bu’iinsi sun dubartootaa fi ijoollee miidhuu isaa dubbatu.

Hiree ofii ofiin murteeffachuu fi aanaa Masqaantti kan haammataman hawaasaaleen Maaraqoo afaan isaaniin dubbachuu,mana murtiitti itti fayyadamuu hin dandeenye jechuun illee himatu jiraattonni kun.

Aadde sennaayit Solomon itti gaafatamtuun waajjira kominikeeshinii naannichaa gama isaaniin akkaataa ijaarsaa naannoo sanaa fi gaaffiin daangaa mootummaan naannoo adda baasee utuu hin taane, qorannaa fi mala dimokraasummaan deebii itti kenna jechuun VAf ibsaniiru jechuun Yonatan Zebdwoos gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG