Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Balaa Dhaqqabeef Al-Shabaab Itti Gaafatama Fudhate


Moqaadishoo keessatti Kamiisa kaleessaa konkolaattoota wal duukaa ya’aa turan kan Tokkummaa mootummootaa irratti haleellaa of-wareegdootaa dhaqqabeef Al-Shabaab itti gaafatama fudhatee jira. 
Moqaadishoo keessatti Kamiisa kaleessaa konkolaattoota wal duukaa ya’aa turan kan Tokkummaa mootummootaa irratti haleellaa of-wareegdootaa dhaqqabeef Al-Shabaab itti gaafatama fudhatee jira. 

Dubbii himaan Al-Shabaab dhaabbata oduu Rooytarsiif akka ibseetti haleellaan kaleessa dhaqqabe kun, qaama nageenyaa kan Tokkummaa Mootummootaa irratti kan qiyyaafatee ture.

Namoota ajjeefaman keessa kan tokkummaa mootummootaaf hojjatu jira yoo ta’e waan beekamee hin jiru.Dubbii himaan polisii Somaaliyaa Aden Hassan qiyyaafanni haleellaa kanaa isuuma dubbii himaan al-shabaab jedhan ta’u mirkaneessan.

Haleellaan kun mannen barumsaa hedduu biratti waan dhaqqabeef kanneen miidhaman keessaa hedduun barattoota ta’u dubbatan.

Embaasiin Amerikaa Moqdishoo keessa jiru barreeffama Twitariin baaseen, haleellaa kana jabeessee balaafattee jira.Ummanni Somaaliyaa sodaa tokko malee jiraachuu qabuus jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG