Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Hongee Gaanfa Afriikaa Dha’eef Addunyaan Birmataa Jira


Waggoota jaa’atama keessatti kan hin mul’anne ka jedhamee fi guutummaa biyyootii gaanfa Afrikaa kan haguuge balaa caamaa hordofee beela uumameef balaa hatattamaa kennuuf hawaasi addunyaa qophaa’aa ka jiru ta’uu angawoonni sadarkaa ol aanaa kan ministrii dantaa alaa United States beeksisaniiru.

Angawoonni kun ministrii dantaa alaa keessatti ibsa gaazexeessotaaf kennaniin naannoo gaanfa Afriikaatti namoonni miliyoonni 11 gargaarsa hatattamaa lubbuu baraarsuuf oolu ka barbaadu ta’uu ibsan.

United States gargaarsa kana bakka yaadame akka dhaqqabu irratti hojjetaa jirti.
Akkuma kanaan mootummaan US baatii onkoloolessaa jalqabee uummata 4.4 ta’uuf midhaan nyaataa metrik toonii kuma 348 dabalatee meeshaalee doolaara miliyoona 383tti hedamu gumaachuu ishee Mr. Sttaayinberg beeksianiiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG