Afiriikaa Kibbbaa naannoo Limpopo keessatti Atoobisiin namoota kadahannaa
ayyaana Faasikaa taasisuuf fe’ee deemu daandii riqichaarraa garagaraluun boolla
gadi fageenya meetira 50 keessa bu’ee gubachuu isaan lubbuun namoota 45
darbuu danda’eera. Namoota Awutoobisicharra turan keessaa mucaa waggaa
Saddeetii tokko qofaan akka hafe anagawoonni naannaichaa mirkaneessaniiru.
Hojiin namoota balaa kanaan miidhamanii barbaaduu raawwatamuu kan ibsan
angawoonni reeffi namoota baay’ee yeroo Awutoobisichi gubachaa ture waliin
gubachuu ibsanii achi keessatti kan hafan jiraachuus eeraniiru.
Awutoobisichi Amantoota Ayyaana torbeed humaa Faasikaaf kadhannaa
taasisuuuf biyya ollaa Boostiwaanaarraa gara Afiriikaa Kibbaa imala dheeraa
deemuun dhuan irra kan ga’edha jedhaniiru angawoonni naannichaa.
Balaan kun kan dhaqqabe magaalaa gudditti Afirikaa Kibbaarraa fageenya
Kiloomeetira 200 irratti yommuu ta’u erga balaan kun dhaqqabee turtii
sa’aatiiwwaniin boodas utubaa riqichichaa keessa tokko jalli isaa aaraa ibidaa
qaba kan jedhan angawoonni naannichaa Awutoobisichi to’annoo
konkolaachisaan ala ta’uu hin oolle jedhanii Konkolaachisichis warra du’an
keessaa tokko jedhaniiru.
Pireezidaantiin Afiriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafosaa namoonni balaan kun irra ga’e
hundi isaanii Bostiwaanaa irraa ayyaana torbee dhumaa Faasikaaf gara naannoo
Limpopoo magaalaa Moriyaatti imalaa waldaa kirisitiyaanaa Tsiyoonnitti kanneen
imalaa turanidha jedhaniiru.
Raamaafoosaan bilbilaan Pireezidaantii Boostiwaanaa Mokgweetsi Masiisii waliin
dubbachuun jajjabina hawwaniifii mootummaan Afirikaa Kibbaa waan danda’amu
hundaa akka godhus waajjirri isaanii beeksiisera.
Waldaan Kiristiyaanaa Tsiyoon kan maagaalaa Mooriyaatti argamu erga weerara
Vaayiraasii Koovid 19 booda bara yeroo jalaqabaaf banamuun tajaajila bal’aa kan
kennuu jalqabes jedhameera.
Forum