Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Tongaa Mudatee Hordofuuf Jecha Biyyonni Lama Namoota Ofii Ergan


Awustraaliyaa fi Niiw Zilaand waraana isaanii gara Tongaa ergan
Awustraaliyaa fi Niiw Zilaand waraana isaanii gara Tongaa ergan

Odoola addatti baatee jirtu kan Tongaa jedhamtu keessatti Sambata dabree Abiddi volikaanoo kan galaana jalaa dhohee badii dhaqqabsisee akka ilaalaniif, Awustraaliyaa fi Niiw Zilaand har’a waraannii isaanii gamasitti akka balali’uu taasisanii jiru.

Dhohiinsii ho’aan galaana jalaa dhaqqabee odoolatti daaraa itti aguugee, dhahaan galaanichaa cabsee ba’uun naannoo handaara galaanichaa akka mancaasee ibsamee jira.

Angawoonni Awustraaliyaa fi Niiw Ziilaaand akka jedhanti suqilee fi mannen handaara galaa irra jiran, mancaatii guddaan kan isaan mudatee ta’u gabaasaalee bilbila saatalaayitiin argatanii jiru.

Dhohiinsii galaana jalaa dhaqqabe kun sarara ykn keebilii galaana jala jiru kan tajaajiila bilbilaa fi Intar neettii biyyattiif kenna barbadeessee jira.Kana deebisanii sirreesuuf torban tokkoo hanga torban 3 kan fudhatu ta’uun ibsamee jira.

Angawoonni Tonga akka jedhanti, daaraan dhohiinsa sana irraa maddee qilleensa summeesuun dhiyeessii bishaan qulqulluu faalee jira.Kanaaf jiraattonni Maaskii yknaguuggii afaanii fi funyaanii akka gargaaraman gaafachuun bishaan qaaruuraa ykn waan adda addaa keessatti qophaa’ee jiru qofa dhugaa jechuun ajajan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG