Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Xaaliiyaanii Keessatti Dhaqqabeen Namoonni 14 Du'uun Ibsame


Xaaliyaanii gama kaabaa keessatti waan akka kokolaataa garu samii irratti sarara tolfameetti rarra’uun turiistiita ittiin biyya dawwachiisan Dilabata kaleessaa citee meetra 20 gad gara lafaatti kufee ijoollee 2 dabalatee yoo xiqqaate namoota 14 galaafalee jira.

Mucaan waggaa 2 battalumatti kan duute yoo ta’u kan umriin waggaa 9 immo hospitaala eega geessee onneen ishee yeroo lama hojii dhaabee booda lubbuun darbe.

Dhiirri umriin 5nii tokko immoo akka hamaatti kan mada'ee ta'uus kan of-beekuu fi dubbatu ta'uun ibsamee jira .

Imaltoonni hangi tokko kokoolaata kufee sana keessatti kan qabaman yoo ta’u kaan immoo yeroo inni lafa dhahuu keessaa darbataman.

Kanneen du’an kana keessaa walakkaa caalaan lammiwwan biyya alaati. Mummichi ministeera xaaliyaanii gadda itti dhaga’ame ibsanii jiru

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG