Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Baaburaa Kaayirootti Dhaqabeen Namoonni 11 Du'an


Magaalaa Kaayiroo gama Kaabaatti baaburri hadiida isaa gad-lakkisee bahuu irraa balaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 11 du’uu fi kanneen biroon 98 madaa’uun beekamee jira.

Ministarri Fayyaa biyyattii akka jedhutti namoota miidhaman kana gara hospitaalota tajaajila hawaasaa sadiitti geessuudhaaf, Ambulaansota 60 tu bobbaafame.

Otuu baaburichi Kaayiroo irraa gara magaalaa Mansuuraatti imalaa jiruu, gaariiwwan baaburidchaa afur hadiida gad-lakkisanii bahuu isaaniitiin balaan kun uumame, jedha – Ministiriin Geejjibaa Masrii. Akka maddeen nageenyaa ibsanitti, shofeerri baaburichaa fi qondaalinni geejjiba baaburaa sababaa kanaaf hidhamanii jiran.

Rakkoon geejjiba baaburaa Kaayiroo, walumaa galatti rakkoo ijaarsaa fi haaressamuu dhabuu akka tahe tu dubbatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG